Dooktar Abiy dura taa’aa gamtaa Afrikaa haaraa waliin tumsaan kan hojjetan ta’uu beeksiisan

Finfinnee, Gurraandhala 1, 2013 (FBC) – Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad dura taa’aa gamtaa Afrikaa haaraa Feeleeksii Shiiseekeedii waliin tumsaan kan hojjetan ta’uu beeksiisan.

Dooktar Abiy dura taa’aa gamtaa Afrikaa haaraa filataman Preezdaantii Riipabliika Diimookraatawaa Koongoo Feeleeksii Shiiseekeediif ergaa baga gammadanii dabarsaniiru.

Ityoophiyaan dura taa’aa gamtaa Afrikaa haaraa filatamaniif deeggarsa barbaachisu ni taasiifti jedhan Dooktar Abiy ergaa isaaniin.

Dura taa’aa gamtaa Afrikaa haaraa filataman waliin tumsaan kan hojjetan ta’uu beeksiisaniiru.

Dooktar Abiy bara hojii gaarii akka ta’uuf Feeleeksii Shiiseekeediif hawwaniiru.

Preezdaantiin Riipabliika Diimookraatawaa Koongoo Feeleeksii Shiiseekeediin Sanbata darbe aangoo dura taa’ummaa gamtaa Afrikaa Preezdaantii Afrikaa Kibbaa Siiriil Raamaafoosaarraa fudhachuun isaanii kan yaadatamuudha.

Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;

Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.

Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa

Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna!

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment