Dooktar Abiy, Du’aan Boqochuu Seenaatara duraanii Ameerikaa Jiim Iinhooffiitti gaddi itti dhaga’amuu ibsan

Finfinnee, Adoolessa 2, 2016 (FBC) – Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad, du’aan boqochuu Seenaatara duraanii Ameerikaa Jiim Iinhooffiitti gaddi itti dhaga’amuu ibsaniiru.

Dooktar Abiy ergaa gama miidiya hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, Seenaatarri duraanii Ameerikaa Jiim Iinhooffiin nama qajeeltoo fi Michuu dhugaa Itiyoophiyaa turu isaanii ibsaniiru.

Du’aan Boqochuu Seenaatarichaan gaddi itti dhaga’amuu fi nama yeroo hunda yaadataman ta’uus eeraniiru.

Seenaatarri duraanii Ameerikaa Jiim Iin Hoof umrii waggaa 89ffaa isaatti addunyaa kanarraa du’aan boqotaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment