Dooktar Abiy dabalatee Ityoophiyaanoonni 4 dhiibbaa uumtoota Afrikaa 100 keessatti hammataman

Finfinnee, Muddee 27, 2013 (FBC) – Barruun ‘Niwuu Afrikaa’jedhamu dhiibbaa uumtoota Afrikaa bara Faranjootaa 2020 namoota 100 ifoomseera.
Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimaad, hojii raawwachiisaa olaanaa daandii qilleensaa Ityoophiyaa obbo Tawaldee Gabramaariyaam, Daayreektarri Olaanaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Dooktar Teediroos Adhaanoomii fi Preezdaantiin Baankii Misoomaa fi Daldalaa Bahaa fi Kibbaa Afrikaa obbo Admaasuu Taaddasaan namoota Barruun kun ifoomsee keessatti hammatamaniiru.
Barrichi Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimaad bara Faranjootaa xumuramee keessaa namoota jaalatamoo turan keessaa isaan tokko ta’uu eereera.
Abbaan Noobeel bara 2019 Dooktar Abiy sabaa fi sablammoota garaagaraa tokkummeessuuf hojii hedduu hojjechuu isaanii ibseera.
Hogganaa Diinagdee fi nageenya Afrikaa Bahaa fi guutuu Afrikaatti keessatti shoora olaanaa taphatan ta’uu keesseera.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment