Dooktar Abiy daawwannaa Ruwaandaa xumuruun deebi’an

Finfinnee, Bitootessa 29, 2016 (FBC)-Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Ruwaandaa Kiigaaliitti daawwannaa hojii taasisan xumuruun gara Itiyoophiyaatti deebi’aniiru.

Dooktar Abiy guyyaa kaleessaa daawwannaa hojiif Ruwaandaa Kiigaalii galuun isaanii ni yaadatama.

Daawwannaa isaaniin Ruwaandaatti Inistiitiyuutii Eegumsa Qonnaa daawwataniiru.

Kana malees sirna Yaadannoo waggaa 30ffaa “Kwibuka” Ummata Ruwaandaa gageeffamerratti hirmaataniiru.

Daawwannaa isaanis xumuruun gara Itiyoophiyaatti deebi’uu ragaan Waajjira Ministeera Muummeerraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment