Dooktar Abiy Ayyaana Masqalaa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsan

Finfinnee, Fulbaana 16, 2017(FBC)-Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Ayyaana Masqalaa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.

Ayyaanni Masqalaa Ayyaaana humni mul’ata itti mul’atee fi mootiittiin Illeenii Fannoo baasuuf haalli mijataan tokkoyyuu yeroo hin jirreetti, naannawaan hundi dukkaana, daandiiwwan cufaa, haalonni hundi rakkisoo akka turan himan.

Yeroo namni kamuu hin yaadnee fi hindanda’amu jedhametti, guyyaa tokko yeroo uumaan ishee eeyyamee, Fannoo bakka itti awwaalame baasuuf mul’ata qabdi turte jedhan.

Mul’anni ishee akka milkaa’uuf hojjette, obsitee, dukkana, karaa rakkisaa, rakkoolee walxaxaa jiran duraa dhaabbachuun fuulduraatti imaluu kaasaniiru.

Dhumarrattis Iyaarusaaleemitti ceetee bakka awwaalame baasuuf ga’uun, amul’annii ishee milkaa’ee, seenaa jijjiruun misiraachoo labsuu dubbataniiru.

Damaraan nama qabsoof, abdii hinkutannee fi hanga dhumaatti cichoomeef guyyaa tokko mul’anni isaa akka dhugoomuuf mallattoodha ta’uu akeekaniiru.

“Iyyooshee” jechuun “Kunoo” jechuu akka ta’ee, kunoo argame; kunoo milkaa’e; kunoo dhugoomee jechuudha jedhan.

Masqalli tokkummaa sabdaneessummaa daandii lamaan kan ibsuu ta’uu kaasanii, daamaraan muka irraa gara xoboraatti, xomborri ammo gara daamaraatti karaan ittiin guddatuu hammam humna akka qabu kan argisiisuudha jedhaniiru.

Gama biraatiin, Masqalli daandiilee garagaraan, aadaa fi sirna kabajaan sabaa fi sabalammootaan kan kabajamuudha jedhan.
Ayyaanonni akkanaa kan amantaa qofaa akka hintaanee kaasanii calaqqee tokkummaa sabdaneessaa ta’uu ibsaniiru.

Ciminaa fi humna ida’amuu keessa jiru kan argisiisaan mallattoowwan dhaloota dhaabaman ta’uu himaniiru.

Daamaraan wayita daamaramu, qabsiifamu, akka aadaa keenyaatti Ayyaana Masqalaa wayita kabajnu akka maatiittis ta’e sadarkaa hawaasaatti Itiyoophiyaa haa yaadannu jedhaniiru.

Hundi keenya sona,aadaa, duudhaalee, dandeettii, kennaawwan, qabeenyaa, afaanota, seenaawwanii fi kanneen biroon walitti ida’amuun Itiyoophiyaa guddoo, badhaatee fi kabajamte taasisuu akka danda’an yaaduu akka qabnu ibsaniiru.

Itiyoophyaan idaa’ama kanneen hundaa fi idaa’amichaan ol akka taate yaaduu akka qabnu ibsanii, ijoollee keenyatti hiika amantaa fi aadaa damaraan qabutti agarsiisuutti dabalataan “Nuti Itiyoophiyaanonni yoo ida’amne akka daamaraa cimoo taana, akkumaa daamaraa ifnee mul’anna” dubbataniiru.

#Oromia #Ethiopia

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment