Dooktar Abiy Akkaadaamii hoggansa Afrikaa eebbisiisan

Finfinnee, Waxabajjii 19, 2013 (FBC) – Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad Akkaadaamii Hoggansa Aafrikaa eebbisiisaniru.
Akkaadaamiin Hayyoota Hoggansa Afrikaa iddoo leenjiin hoggansa olaanaa itti laatamu ta’uu ibsameera.
Akkaadaamichi biyyoota Afrikaa hundaaf kan tajaajilu ta’uu ibsameera.
Magaalaa Sulultaa lafa Hektaara 40 irratti kan ijaarrama yoo ta’u, Birrii Biiliyoonni 2.2 baasii itti ta’uu himameera.
Birrii Miiliyonni dhibbi 7 fi miiliyoonni 22 mootummaa Ityoophiyaan kan uwwifame yoo ta’u, kan hafe mootummaa Chaayinaan uwwifamuu eerameera.
Alaazaar Taaddalaatu gabaase.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraamahttps://t.me/afanoromofana
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment