Dooktar Abiy Ahimadii fi Zinnaash Taayyaachoon Manneen jireenyaa Awwaareetti ijaaraman jiraattoota 275’f dabarsan

Finfinnee, Qaammee 2, 2016 (FBC) – Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimadii fi Giiftii Duree Zinnaash Taayyaachoon har’a Manneen jireenyaa Awwaareetti ijaaraaman jiraattoota 275’f dabarsaniiru.

Har’a Awwaaree naannawaa kabaja ilma namaaf malutti jijjiiruuf Karoorrii fi Carraaqqiin keenya dhugoomeera jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.

Awwaareen har’a jiraattootaaf, keessattuu maanguddootaa fi jireenya dhala namaaf bakka filatamoo ta’eera jedhan.

Hojmaanni Qulqullinni osoo hin hir’atin saffisaan ijaaruun awwaareetti calaqqiseera.

Hojiilee eegalame caalmaatti babal’isuuf damee dhuunfaa fi hariiroo magaalootaa caalmaatti cimsuun murteessaa ta’uu himaniiru.

Bara haaraa waayita simannu gufuuwwan hedduu ce’uun Itiyoophiyaa cimtuu akka ijaarru abdiin qaba jedhan fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin.

#Oromia #Ethiopia

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment