Dooktar Abiy Ahimadii fi Giifti Duree Zinnaash Taayyaachoon N/Somaaleetti bu’uuraalee misoomaa garaagaraa daawwatan

Finfinnee, Guraandhala 4, 2016 (FBC)-Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimadii fi Giiftii Duree Zinnaash Taayyaachoon Naannoo Somaalee Magaalaa Jigjigaatti bu’uuraalee misoomaa garaagaraa daawwataniiru.

Daawwannichaanis Hospitaala Rifeeraalaa Sheek Hasan Yaabaaree haareffamee kan daawwatan yoo ta’u, akkasumaas walitti hidhamiinsa magaalichaa kan saffisiisu Daandii Asfaaltii haaraa kiiloo meetira 18 ijaarame gamaaggamaniiru.

Dabalataan gamoo mana maree naanichaa haaraa fi sadarkaa jireenyaa jiraattootaa Magaalaa Jigjigaa fooyyessuuf hojiilee misoomaa waaraaf xiyyeeffannaa kennaman daawwachuu ragaan Waajjira Ministira Muummeerraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment