Dooktar Abiy Ahimad Yaa’ii arfee hoggantootaa IGAD walitti bu’iinsa Sudaan hiikuuf hundeesse keessummeessan

Finfinnee, Adoolessa 3, 2015 (FBC) – Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad Yaa’ii arfee hoggantootaa Dhaabbanni Misoomaa Mootummoota Baha Afrikaa walitti bu’iinsa Sudaan hiikuuf hundeesse har’a ganama keessummeessaniiru.

Hoggantoonni biyyoota garaagaraa fi dhaabbilee idil addunyaa maricharratti hirmaachuuf kaleessa galgala Finfinnee galuun kan yaadatamuudha.

Pireezidaantiin Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoo, Ministirri Dhimma Alaa fi Tumsa Idil Addunyaa Jibuutii Mahaammad Alii dabalatee hoggantoonni biyyoota garaagaraa Yaa’icharratti hirmaachaa jiraachuu ragaan Waajjira Muummee Ministiraarraa argame ni mul’isa.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment