Dr. Abiy Ahimad warshaa Kiitii qorannoo vaayrasii koroonaa oomishuu eebbisisan

Finfinnee, Fulbaana 3, 2013 (FBC) –Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad warshaa Kiitii qorannoo vaayrasii koroonaa oomishuu eebbisisuun hojii eegalchiisaniiru.

Dooktar Abiy warshaa kiitiicha Paarkii Indaastirii Boolee Lammii keessaatti eebbisiisuun hojii kan eegalchiisan.

Oomishnii kiitiicha mootumma Chaayinaa waliin ta’uun kan oomishamu ta’uu dubbataniiru.

Dhaabbanni BGI Fayyaa Itoophiyaa Ityoophiya dabalatee biyyoota alaaf meeshaalee qorannoo COVID-19 kiitoota oomishuu eegaleera.

Dooktar Abiy gurguurta biyyoota alaaf taasifamuuf dursi biyyoota Afrikaaf akka laatamuu eeraniiru.

Dabalataanis, warshichi jiraattotaa magaalaa Finfinnee fi imaltoota buufata xiyyaaraa Boolee idil addunyaarraan imalaan miiliyoona 3 ta’aanif tajaajila laabraatoori kaffaltiin ni laataa.

Kunis dandeetti qorannoo Ityoophiyaa fi biyyota Afrikaa ni dabala jedhameera.

Weerarrii vaayrasii koroonaa eega dhaabbatee booda giddugalli oomisha eegale kun kiitoota qorannoo HIV/AIDS, dhukkuba Sombaa, akkasumas dabalataan kiitoota qorannoo battalaa RT (Real Time) ta’anii fi keemikaalota Niwukiliik Asiidii adda baasuuf tajaajilan oomishuutti akka ce’u ibsameera.

Dooktar Abiy warishichaa erga hojii eegalchiisani booda sadarkaa ijaarsa Hospitaala Fiild vaayrasii koroonaarraa jiru daawwataniiru.

Ijaarsii hospitaalichi kan eegalee baatii Caamsaa keessa yoo ta’u, dhiyeenyatti namoota vaayrasii koroonaatin qabaman simatee yaala ni laata jedhameet eegama.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment