Dooktar Abiy Ahimad Waajjiira Muummee Faanaa Biroodkaastiing Koorporeet daawwatan

Finfinnee, Amajjii 18, 2016 (FBC) – Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Waajjiira Muummee Faanaa Biroodkaastiing Koorporeet daawwataniiru.

Hojiilee misoomaa dhaabbatichi hojjetaa jiru daawwataniiru.

Istuudiyoon haaraan Faanaa Laamroota Faanaa Biroodkaastiin Koorporeeti sagantaalee bashannannaa garaagaraaf ijaarsaa ture xumuramuun tajaajilaaf qophii ta’eera.

Istuudiyoon kun baasii dhaabbatichi kana dura sagantaalee bashannanaa garaagaraaf baasaa ture hambisuu fi hojiilee fooyya’aa maamiltoota isaaf akka dhiyeessuuf qooda olaanaa qabaachuu ibsameera.

Miidhaa Odeeffannoowwan sobaan qaqqabu hambisuuf Mootummaan Itiyoophiyaa hojiilee Riifoormii hojjetaa jiru keessaa miidiyaan isa tokko ta’uu Dooktar Abiy daawwannaa taasiisaniin himaniiru.

Dhaabbileen miidiyaa cimaa dhufuun yaadoonni diigumsaa bakka akka dhaban kan taasiisuu ta’uu eeraniiru.

Faanaa Biroodkaastiing Koorporeetis guddina isaa saffisiisuun ergama biyyaalessa bahachaa jiru caalmaatti cimsuu akka qabu Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad daawwannaan taasiisanirratti dubbataniiru.

Dooktar Abiy hojiileen Istuudiyaa haaraa hanga kutaalee dura turatti jiran hojiilee daraan jajjabeessaa ta’uu dinqisiifataniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment