Dooktar Abiy Ahimad raawwii dinagdee gooroo guyyoota 100 gamaaggamuu eegalan

Finfinnee, Onkololeessa 8, 2017 (FBC)- Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad miseensota Mana Maree Ministirootaa waliin guddina diinagdee gooroo fi raawwiiwwan ijoo guyyoota 100 gamaaggamuu eegalaniiru.

Gammaaggamichis haala siyaasaa fi dinagdee Idil Addunyaa mul’atan qorachuun dhibbaa Itiyoophiyaarratti qabaatu adda baasuuf kan kaayyeeffate ta’uu ragaan Waajjira Ministira Muummeerraa argame ni mul’isa.

Guddina diinagdee %8.45 ni galmaa’aan raagame, guddina diinagdee hirmaachisaa fi waaraa kan argisiisan, galii mootummaa fi invastimantii argamsiisan, idaa mootummaa kan hir’isan, dorgomtummaa dhaabbilee mootummaa kan dabalan, sharafa alaa kan argamsisan, damee faayinaansii dorgomtummaan irratti mul’ate, naannawaa invastimantii mijataa uumuu akkasumas, oomishtummaa kan dagaagsan ta’uun waltajjicharratti ka’eera.

Guddinni diinagdee Itiyoophiyaa keessumaa damee maanufaakchariingii fi konstiraakshiniirratti akka saffisu eegama jedhameera.

#Oromia #Ethiopia

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment