Dooktar Abiy Ahimad Preezdaanti Isaayyaas Afawarqii waliin hojii misooma bunaa daawwatan

Finfinnee, Onkololeessa 2, 2013 (FBC) –Dooktar Abiy Ahimad Preezdaanti Isaayyaas Afawarqii waliin hojii misooma bunaa daawwataan.

Kominikeeshiniin Godina Jimmaa akka beeksiseetti Muummeen Ministiraa Dooktar Abiy Ahimad Preezdaanti Isaayyaas Afawarqii waliin Godina Jimmaa Aanaa Gommaatti hojii misooma bunaa qe’ee qonnaan bulaa adda duree obbo Saabiqoo Abbaa Maccaa daawwataaniiru.

Daawwannaa guyyoota 3f Ityoophiyaa kan galan Preezdaantiin Eertiraa Isaayyaas Afawarqiin har’a buufata xiyyaaraa Jimmaa Abbaa Jifaaritti Dooktar Abiyiin erga simatamanii hojiilee misoomaa Yunivarsiitii Jimmaan hojjetaman daawwataniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

Comments (0)
Add Comment