Dooktar Abiy Ahimad Pireezidaantii Baankii Misoomaa Afrikaa walin mari’atan

Finfinnee, Amajjii 10, 2016 (FBC)-Ministiri Muumme FDRI Dooktar Abiy Ahimad Pireezidaantii Giruuppii Baankii Misoomaa Afrikaa Akiin Adesiinaa waliin mari’ataniiru.

Dooktar Abiy yaa’ii 19ffaa Sosochii Biyyoota Walabaa Ugaandaa Kaampaalaatti gaggeeffamaa jiru cinaatti Pireezidaantii baankichaa waliin mari’achuu gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.

Walta’iinsi Itiyoophiyaan Baankii Misoomaa Afrikaa waliin qabdu, tattaaffii birmadummaa nyaataa Itiyoophiyaan taasisaa jirtuuf murteessaa ta’uu ibsaniiru.

Hariiroon baankicha waliin jirus cimee akka itti fufu kutannoo qabaachuu Dooktar Abiy mirkaneessaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment