Dooktar Abiy Ahimad Naannoo Beenishaangul Gumuzitti biqiltuu dhaaban

Finfinnee, Hagayya 17, 2016 (FBC)- Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimd Duulaa biyyaalessaa gaggeeffamaa jirurratti hirmachuun Naannoo Beenishaangul Gumuzitti biqiltuu dhaabaniiru.

Dooktar Abiy Ahimad gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin, “Dhaabbii biqiltuu seena qabeessaan, guyyaa seena qabeessaa har’aan qabeenya umamaan, qabeenyaa albuudaa fi dachee lalistuu Naanoo Beenishaangul Gumuz Magaalaa Asoosaatti argamneerra” jedhan.

Sagantaan har’aa, biqiltuuwwan waggoottan shanan darban dhaabaman gara biiliyoona 40’tti kan guddisu ta’uu ibsan.

Biqiltuuwwan waggoottan shanan darban dhaabaman keessaa %50 wabii nyaataa, eegumsa biyyee fi dhiqama biyyeef kan dhaabaman ta’uu kaasaniiru.

Fuulduratti naannawaalee akka Sulula Abbayyaa biqiltuuwwan dhaabuun hojii eegumsa bishaanii tumsuun barbaachisaa ta’uu kaasaniiru.

#Oromia #Ethiopia #Ashaaraa_Magariisaa

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment