Dooktar Abiy Ahimad Muummee Ministiraa Hindi waliin mari’ataan

Finfinnee, Hagayya 18, 2015 (FBC)- Muummee Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad fi Muummeen Ministiraa Hindi Naraandiraa Moodii waliin mari’ataniiru.

Dooktar Abiy Yaa’ii BRICS Afrikaa Kibbatti gaggeeffamaa jiru cinaatti Muummee Ministiraa Hindi Naraandiraa Moodii waliin marii gamlamee taasisaniiru.

Marichaanis, keessumaa Itiyoophiyaan miseensa BRICS ta’uun walqabatee hariiroo jiru cimsuuf kutannoo waloo qaban ibsaniiru.

Dureewwan lameen walta’iinsa diinagdee dameewwan siyaasaa fi qonnaa, teeknooloojii, daldalaa fi invastimantii cimsuuf waliigalteerra ga’uun ibsameera.

Naraandiraa Moodiin gama miidiyaa hawaasummaa isaaniinis marii bu’a qabeessaa taasisuu fi Itiyoophiyaan miseensa ‘BRICS’ ta’uun ergaa baga gammaddanii dabarsaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment