Dooktar Abiy Ahimad Misooma Kooriidarii Magaalaa Finfinnee boqonnaa 2ffaa qoratan

Finfinnee, Sadaasa 4, 2017 (FBC)- Hojiileen misooma kooriidarii Magaalaa Finfinnee boqonnaa 2ffaan bakka Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad argamanitti qoratame.

Dooktar Abiy gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin akka jedhanitti, har’a gabaasa hojiilee misooma kooriidarii Magaalaa Finfinnee boqonnaa 2ffaa kallattiiwwan saddeetii fi lafa hektaara kuma 2 fi 879 irratti hojjetamaa jiran qorataniiru.

Magaalota keenyaa guddinaa fi jireenyaaf daran mijatoo taasisuuf boqonnaa eegalaman irraa muuxannoo fudhachuun tarkaanfii gaariin tarkaanfatameera jedhan.

Yeroo ammaa kallattiiwwan bu’uuraa sadiirratti xiyyeeffachuun barbaachisaa ta’uu kaasanii, kunneenis magaalota fedhii dhaloota egeree guutaan ijaaruu, magaalota jijjiramaa jiran keesatti dhaloota darbee guddachuu danda’u horachuu, magaalota ammayya’aan kanneen beekumsaan hogganuuf hoggansa ga’oomsuu akka barbaachisu himaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment