Dooktar Abiy Ahimad Ministira Muummee Rippaabilikii Cheek waliin mari’atan

Finfinnee, Sadaasa 18, 2016 (FBC)-Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Ministira Muummee Rippaabilikii Cheek Piiter Fiyaalaa waliin mari’ataniiru.

Dureewwan lameen marii gamlamee taasisaniin damee ittisa biyyaan walta’iinsa yeroo dheeraa qaban bal’isuun damee qonnaa, misooma albuudaa fi tuuriizimiin cimsuuf murteerra ga’uu ragaan Waajjira Ministira Muummeerra argame ni mul’isa.

Dooktar Abiy Ahimad Waajjira Mootummaa Rippaabilikii Cheekitti simmanaanis taasifameeraafi.

Ministirri Muummee Riippaabilikii Cheek dhiyeenya Itiyoophiyaatti daawwannaa taasisaniin Dooktar Abiy Ahimad waliin mari’achuun ni yaadatama.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment