Dooktar Abiy Ahimad Ministira Muummee Chaayinaa waliin mari’atan

Finfinnee, Onkololeessa 5, 2016 (FBC) – Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Ministira Muummee Chaayinaa Lii Kiyaangi waliin mari’ataniiru.

Mariin isaaniis, tumsa dinagdee biyyoota lameen giddu jiru haaloota cimsuu dandeessisanirratti kan xiyyeeffate ta’uu ragaan Waajjira Ministira Muummeerra argame ni mul’isa.

Dooktar Abiy guddina damee hedduu mootummaa isaanii fi milkaa’inalee argamanirratti ibsa kennaniiru.

Dabalataanis, Chaayinaa waliin hariiroo daldalaa cimsuun barbaachisaa ta’uus kaasaniiru.

Ministirri Muummee Chaayinaa Lii Kiyaangi gama isaaniin, biyyoonni lameen daandii guddina dinagdeerra kan jiran ta’uu isaaniin, daandii guddina waloo karoorsuu akka danda’an eeraniiru.

Marii isaaniin booda Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimaadii fi Lii Kiyaangi waliigalteewwan walta’iinsaa garaagaraa 12 mallatteeffamanirratti argamiiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment