Dooktar Abiy Ahimad Ministeera Muummee Hindiif ergaa baga gammaddanii dabarsan

Finfinnee, Caamsaa 29, 2016 (FBC)-Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Ministirri Muummee Hindii Nareendiraa Moodii irra deebiin Filannoo Biyyatti injifachuu ilaalchisee ergaa baga gammaddanii dabarsaniiru.

Filannoo Hindiitti gaggeeffameen yeroo 3ffaaf kan injifatan ministirri muummee biyyattii Naareendiraa Moodiif ergaa hawwii garii dabarsaniin, filannoon ummannii abbaa aangoo ta’uun kan itti mul’atuudha jedhan.

“Michuun koo Naareendiraa Moodii, filannoo naga qabessa gaggeessuun waan injifatteef baga gammadde” jedhanii, filannichi Hindiitti sirni diimookiraasii dagaagaa dhufuu kan akeeku ta’uu gama miidiyaa hawaasummaa isaniin ibsaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment