Dooktar Abiy Ahimad Jigjigaatti Giddugala Horsiisa Lukkuu “Horn Africa” daawwatan

Finfinnee, Mudde 26, 2017 (FMC)- Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad Magaalaa Jigjigaatti Giddugala horsiisa Lukkuu “Horn Africa” guyyaatti hanqaaquu kuma 35 oomishu daawwataniiru.

Giddugalichi lukkuuwwan kuma 52 horsiisuun guyyaatti hanqaaquu kuma 35 oomishaa kan jiru yoo ta’u hojii Maaddii Guutuu biyyaalessaa xiyyeeffannaan hojiirra oolchaa jiraachuun ibsameera.

Sosochiin biyyaalessaa jalqabamuun dura waliigalaan oomishi hanqaaquu naannichaa miiliyoona 3.5 akka ture eerameera.

Yeroo ammaa tilmaamni oomisha hanqaaquu naannichaa waggaatti miiliyoona 56 qaqqabuu ragaan Waajjira Ministira Muummeerraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment