Dooktar Abiy Ahimad Itiyoophiyaatti wabii nyaataa mirkaneessuuf hojii fakkeenyaa raawwataniiru-Gaardi Mular

Finfinnee, Amajjii 19, 2016 (FBC)- Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad Itiyoophiyaatti wabii nyaataa mirkaneessuuf hojii fakkeenya ta’u raawwataniiru jedhan Daayrektarri Dhaabbata Misoomaa Indaastirii Mootummoota Gamtoomanii Gardi Mular.

Gardi mular Badhaasa “Agricola” Dhaabbata Nyaataa fi Qonnaa Addunyaa argachuu Ministira Muummee Dooktar Abiy ilaalchisuun yaada kennaniin, Itiyoophiyaa keessaatti wabii nyata mirkaneessuuf tattaaffii taasifame dinqisiifataniiru.

Dhaabbanni isaanii galma beelaa dhabamsiisuu qabatee socho’aa jiraachuu kaasanii, gama kanaan Itiyoophiyaa keessatti waggoottan muraasaa as jijjiiramaa olaanaan mul’achaa jiraachuu ragaa bahaniiru.

Omishaa fi omishtummaa dachaan dabaluunis Itiyoophiyaan omisha gara alaatti erguu eegaluu kaasan.

Itiyoophiyaan invastimantii damee qonnaarratti taasisaa jirtu, akkasumas hoggansa Dooktar Abiy Ahimadiin wabii nyaataa mirkaneessuu fi beela dhabamsiisuuf tattaaffiin taasisaa jirtu biyyoota Afrikaa fi biyyoota addunyaa biroofillee fakkeenya jedhan.

Fuuldurratti, Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii fi Dhaabbanni Misooma Indaastiraa Addunyaa deegarsa Ityoophiyaaf taasisuu cimsanii kan itti fufan ta’uu akeekaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment