Dooktar Abiy Ahimad Itiyoophiyaan Waancaa Afrikaa 37ffaa bara Fananjootaa 2029 gaggeeffamu akka qopheessitu carraan akka kennamuuf gaafatan

Finfinnee, Onkololeessa 11, 2017 (FBC) –Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Itiyoophiyaan Waancaa Afrikaa 37ffaa bara Fananjootaa 2029 gaggeeffamu akka qopheessitu carraan akka kennamuuf gaafataniiru.

Dooktar Abiy Pireezidaantii Konfedereeshinii Kubbaa Miilaa Afrikaa Dooktar Paatiriis Mootiseeppee, Pireezidaantii Waldaa Kubbaa Miilaa Addunyaa Jiyaanii Viincheenzoo Infaantiinoo fi hoggantoota olaanoo koree hojii raawwachiiftuu Konfedereeshinii Kubbaa Miilaa Afirkaa Masaraa Mootummaatti Irbaata Affeeraniiru.

Taphattoonni urjiin Kubbaa Afrikaas sagantaa kanarratti argamaniiru.

Dooktar Abiy Ahimad Itiyoophiyaan Waancaa Afrikaa 37ffaa bara Fananjootaa 2029 akka qopheessitu carraan akka kennamuuf ifatti gaafataniiru.

Itiyoophiyaan Waancicha qopheessuuf dandeettis qophummaas qabaachuu hubachiisaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment