Finfinnee, Sadaasa 9, 2017 (FBC)- Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Indaastiriiwwan sochii ‘Itoophiyaan Haa Homishtu’ gaggeessan daawwataniiru.
Dooktar Abiy omishtummaan damee dhuunfaa biyya keessaa, misooma indaastirii biyyaalessaa galmaan ga’uu fi dinagdee cimsuuf shoora murtessaa taphata jedhan.
Indaastiriiwwan gurguddoo sochii ‘Itoophiyaan Haa Homishtu’ jedhu gaggeessan daawwachuus himaniiru.
Paarkii Indaastirii AMG Holdiingis kan buna sona itti dabalee erguu fi sibiila omishuudhaan beekamu, akkasumas Teknooloojii Daawitii Aandinnet kan hojiisaa daawwitii fi aluuminiyeemiin beekamu kanneen daawwatan ta’uu kaasaniiru.
Dhaabbileen kunneen gumaacha dameen dhuunfaa babal’ina indaastiriif taasisaa jiruuf fakkeenya gaarii kan ta’uu gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.
#Oromia #Ethiopia