Dooktar Abiy Ahimad Ergitoota Bunaa Adda dureef beekkamtii kennan

Finfinnee, Fulbaana 30, 2017 (FBC)- Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Ergitoota Bunaa adda dureef beekkamtii kennaniiru.

Bunni Aadaa Itiyoophiyaa waliin hidhata cimaa kan qabuu fi diinagdee biyyatti keessatti gumaacha olaanaa kan taasisuudha jedhameera.

Itiyoophiyaan omishaa Bunaan Afrikaarraa adda duree, Addinyaarraa ammoo buna Arabikaan 3ffarratti kan argamtu ta’uun himameera.

Bara darbes buna gabaa alaaf dhiyaaterraa galii Doolaara biiliyoona 1.43 argachuun ibsameera.

Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad sirna beekamtii kennuu ergitootaa bunaa adda dureerratti argamuun haasawaa taasisaniin qaamoleen qooda fudhattootaa indaastirii Bunaa, milkaa’ina biyyaalessaa argamerraatti hirmaachuun daran milkaa’ina galmeessuuf hojjechuu akka qaban dhaamuu ragaan Wajjira Ministira Muummeerraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment