Finfinnee, Gurraandhala 22, 2013 (FBC)- Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad ayyaana injifannoo Adwaa 125ffaa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.
Dooktar Abiy injifannoon Adwaa bu’aa gootummaa Ityoophiyaanoota, miiraa jalaala biyyaa fi ogummaa waraanaati jedhaniiru.
Gootummaan Gooraadee fayyadamuun diinaa kuffisuun caalee hin jiru. Addaddummaa cinatti dhiisuun waloon biyya tokkoof kan dhaabbata, moormaa ofii albeef dhiyeessuu caalaa jalaallii biyyaa essaayyuu hin dhufuu jedhaniiru.
Injifannoo Adwaa nu Ityoophiyaanootaaf hiikoo adda yoo nuf laatuu, akka walkabanjuu kan taasisuudha.
Baroota dheeraaf Ityoophiyaanoota adda addaa baasuuf, hokkoraa kaasuu fi biyyatti diiguuf yaaliin taasifamee fashala’uunsaa kanarra ka’eeti jedhaniiru.
Adwaan Sabdaneessaa uummattoota Ityoophiyaati.
Duula injifannoo Adwaa irratti daa’ima umrii wagga 10 hanga manguddoo waggaa 90tti hirmaataniiru.
Dubartoonni gala qopheessuu hanga lolatti, abbootii amantaa musiliimaa fi kiristaanaa kadhata hanga adda waraanaatti hirmaachuu Dooktar Abiy ibsaniiru.
Har’as naannoo Ityoophiyaa kamuu yoo seennee, seenaa sabafi sablammoota yoo qorannee, kallattiin hundaa yoo gaafannee uummattoota Ityoophiyaa keessaa akakayyuun gara Adwaa hin dullee hin jiru jedhaniiru.
Kanaaf Ityoophiyaan akka badhaatuf karaan irraa imalluu duudhaawwan Adwarraa fudhatamuu qabus jedhaniiru.
Imalli keenyaa Ityoophiyaa gara guddina ittaanuutti ceesiisudha, riikardii Adwaa cabsuudha, akka dandeenyuu mirkaneessine jirra, akka dandeenyu garuu agarsiisuutu nurraa eegama jedhan Dooktar Abiy
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.