Dooktar Abiy Afrikaa Kibbaatti Mooraa Embaasii Itiyoophiyaa keessa biqiltuu Ashaaraa magariisaa dhaaban

Finfinnee, Hagayya 19, 2015 (FBC) – Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimadii fi jilli isaaniin durfamu Afrikaa Kibbaatti Mooraa Embaasii Itiyoophiyaa keessa biqiltuu Ashaaraa magariisaa dhaabaniiru.

Dooktar Abiy piroojektoota manneen jireenya Ambaasaadarootaa ijaarsi isaanii xumurames eebbisiisaniiru.

Piroojektoonni saffisaa fi qulqullinaan ijaaramanii xumuramuun Itiyoophiyaannoonni biyya alaattis hojiilee mootummaas ta’ee dhuunfaa irratti duudhaa hojii qaban calaqqisiisuu eeraniiru.

Muuxxannoon ijaarsa pirojektoota Itiyoophiyaa saffisaa fi qulqullinaan xumuruu hojii mootummaa fi dhuunfaa Itiyoophiyaan alaa Lammiileen Itiyoophiyaa duudhan hojii qaban calaqqisiisu cimuu akka qabu Dooktar Abiy dubbataniiru.

Ijaarsi manneen jireenyaa kanneenii Dooktar Abiy wayita daawwannaaf Afrikaa Kibbaa deeman qajeelfama laatan hordofee kan raawwatame ta’uu eerameera.

Dooktar Abiy Afrikaa Kibbaatti Mooraa Embaasii Itiyoophiyaa keessa biqiltuu Ashaaraa magariisaa dhaabuu isaanii ragaan Waajjira Muummee ministiraarraa argame ni mulisa.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment