Dooktar Abdulaaziz Daawud jila abbootii qabeenyaa Paakistaan waliin mari’atan

Finfinnee, Caamsaa 21, 2016 (FBC) – Itti Gaafatamaan Waajjira Pireezidaantii mootummaa naannoo Oromiyaa Dooktar Abdulaaziz Daawud jila abbootii qabeenyaa Paakistaan waliin mari’ataniiru.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa, haala mijataa yaa’insa Invastimantiifi dilbii Invastimantii olaanaa naannichi qabu walsimsiisu uumuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu Dooktar Abdulaaziz Daawud maricharratti ibsaniiru.
Dooktar Abdulaaziz Daawud carraafi dilbii akkasumas mijattummaa Invastimantii gara garaa Naannoon Oromiyaa qabu irratti ibsa kennaniiru.
Dabalataanis, Daayrektarri Piroomooshinii Invastimantii Oromiyaa Obbbo Siyyum Moosisaan, dookimantii haala invastimantii naannichaa ibsu jilichaaf dhiyeessanii jiru.
Paakistaanitti Ambaasaaddara Itiyoophiyaa Ambaasaaddar Jamaal Bakar, Itti Gaafatamaan Waajjira Pireezidaantii mootummaa naannoo Oromiyaa Dooktar Abdulaaziz Daawud dabalatee, hoggantoonnifi qooda fudhattoonni biroos maricharratti argamuu ragaan Waajjiricharraa argame ni mul’isa.
Comments (0)
Add Comment