Doggogorawwan tajaajila yaalaarratti muudatan hambisuuf dandeettii ogummaa gabbisuun murteessaa ta’uu ibsame

Finfinnee, Adoolessa 6, 2014 (FBC) – Doggogorawwan tajaajila kenniinsa yaalaarratti muudatan hambisuuf dandeettii ogummaa ogeeyyii gabbisuun murteessaa ta’uu Abbaan Taayitaa To’annoo Nyaataa, Qorichaalee fi kunuunsa bulchiinsa Fayyaa beeksiseera.
Abbaan Taayitichaa doggogorawwan kenniinsa tajaajila yaalaarratti muudatanii fi hanqina namuusaa ilaalchisee ogeeyyii yaalaa fi qooda fudhattoota waliin mariin gaggeeseera.
Komiin dogogora tajaajila yaalarratti muudatuun walqabatee dhiyaatu daraan dabalaa jiraachuu walitti qabduun koree namuusaa ogeeyyii fayyaa Dooktar Galaanee Leellisaan ibsaniiru.
Korich erga hundaa’ee hanga ammaatti komiiwwan dogogora yaalaan walqabatan 216 fuudhuu ibsaniiru.
Komiiwwan dhiyaatan keessaa 131 doggogora dhaabbilee yaalaa dhuunfaa keessatti muudatan yoo ta’uu, 74 ammoo dhaabbilee yaalaa mootummaa keessatti kan muudatan ta’uu Dooktar Galaaneen kaasaniiru.
Ogeeyyiin yaalaa maricharratti hirmaatanis kenniinsa tajaajila yaalaa irratti hanqinaaleen jiraachuu amanuun, rakkoolee kanneen furuuf xiyyeeffannoon kan hojjetan ta’uu ibsaniiru.
Rakkoolee kanneen hambisuuf dandeettii ogummaa ogeeyyii yaala fayyaa gabbisuun murteessaa ta’uu ibsameera.
Maddi:-TOI
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment