Dodolaatti hojiileen misoomaa qonnaa fi barnootaa daawwatame

Finfinnee, Onkololeessa 11, 2016 (FBC)- Godina Arsii Lixaa Aanaa Dodolaatti hojiileen misoomaa qonnaa fi barnootaa hayyoota garaagaraan daawwatame.

Daawwannicharratti Hoogganaa Biiroo Qonna Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuu, Hogganaa Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dooktar Tolaa Bariisoo, dabalatee hayyoonnii fi qondaaltonni naannoo fi godinichaa biroon argamaniiru.

Aanaa Dodolaatti Qamadii kilaastaraan misoomee fi sochiin baruu fi barsiisuu Mana Barumsa Bultii Addaa Dodolaa daawwatamuu ragaan kominikeeshinii aanichaarraa argame ni mul’isa.

Guddina diinagdee qonnaarra gara indaastiriitti ceesisuuf, qonnaan bultootni gurmaa’anii kilaasteraan cimanii hojjataa kan jiran yoo ta’u mootummaanis deegarsaa fi hordoffii taasisaa jiraachuun ibsameera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment