Diyaaspoorota waliin haala lammiilee qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’an deeggaruun danda’amurratti mariin gaggeeffame

Finfinnee, Muddee 4, 2014 (FBC) – Diyaaspoorota Giriikii fi Xaaliyaanii waliin haala lammiilee qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’an deeggaruun danda’amurratti gama Interneetiin mariin gaggeeffameera.

Maricharratti Ityoophiyaannonnii fi dhalattoonni Ityoophiyaa Xaaliyaanii fi Giriik, hoggantoonni Ejensiiwwan diyaaspooraa Ityoophiyaa, Baankii Daldala Ityoophiyaa fi dhaabbata Chaap Faayinaanshiyaal Teeknooloojii argamaniiru.

Marichi dhimmoota yeroo biyyaalessaa fi sababa walitti bu’iinsaan lammiilee qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’an deeggaruuf haala danda’amurratti ta’uu ibsameera.

Xaaliyaaniitti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Ambaasaaddar Dammituu Hambisaan gocha biyya diiguu garee shororkeessaa ABUT fi giddu seentummaa biyyoota lixaa qolachuuf deeggarsa gama maraa diyaaspooraan Ityoophiyaa taasisaa jiru dinqisiifataniiru.

Injifannoo qaamni nageenyaa waloo argamsiisaa jiru ilaalchisee Ambaasaaddar Dammituun ibsa laataniiru.

Hojiin deeggarsa walitti qabuu Room, Giriik, Paarmaa, Tooriinoo fi Baariitti hojjetamaa jiru magaalota birootti cimee akka itti fufu dhaamaniiru.

Maricharratti hoggantoonni olaanoo Baankii Daldala Ityoophiyaa argamuun haala deeggarsi itti walitti qabamuu fi gara biyyaatti ergamurratti ibsa kennuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni muul’isa.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment