Diyaaspoorota waamicha biyyaa fudhatanii gara Ityoophiyaa galaniif tajaajilli saffisaan kennamaa jira-Komiishinii Gumrukaa

Finfinnee, Muddee 19, 2014 (FBC)- Koomishiniin Gumrukaa, imaltootaa waamicha biyyattin taasiste fudhatanii gara biyyaa galaniif tajaajila gumrukaa itti kennamu bakka adda qopheessuun tajaajila saffisaa kennaa akka jiru ibsameera.

Waajjira Damee Gumrukaa Buufata Xiyyaaraa idil Adunyaa Booleetti, hojii gaggeessaa itti aanaan Dhimma Imaltootaa Obbo Zaraa’eel La’aa akka himanitti, komishiniichi keessummoota waammicha taasifameef fudhachuun gara biyyaa gala jiraaniif tajaajilii saffisaa laatama jira jedhaniiru.

Imaltoota meeshaalee yaalaa fi deeggarsa garagaraa qabani dhufaniif deeggarsicha kara salphaan dabarsani akka kennaniif Minsiteera Fayyaa fi qaamolee biroo waliin waltahuun Mana Kuusaa qopheessuun tajaajilli kennamaa jiras jedhan obbo Zaraa’eel.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

Comments (0)
Add Comment