Diyaaspoorota gara naannoo Affaar deemaniif qophii baldhaan taasifameera-Mootummaa Naannoo Affaar

Finfinnee, Muddee 19, 2014 (FBC)- Diyaaspoorota gara naannoo Affaar deemaniif qophii baldhaan taasifamuu Mootummaa Naannoo Affaar beeksiseera.

Hogganaan Biiroo Aadaa fi Tuurizimii Naannoo Affaar obbo Ahimad Abdulqaadiir ibsa laataniin, diyaaspooran gara naannichaa wayita dhufuu simannaa ho’aa taasisuu fi turtii isaaniin hojiiwwan ilaalamuu fi hojjetamuuf yaadamaan daawwachiisuun yeroo gaarii akka qaabataaniif qophiin taasifameera jedhan.

Daawwannaa isaaniin naannichatti garee shororkeessaa ABUT iddoolee miidhaan irra gahee fi ga’umsoota tuurist akka daawwataan koreen qooda fudhattoota haammatee hundaa’ee hojii eegaluu himaniiru.

Kanaanis garee shororkeessaa ABUT daa’imman 109 ol kan itti ajjeefamaan ‘ haleella jumlaa Gaalikoomaa’ akka ga’umsa tokkotti fudhachuun diyaaspooraan gochicharra kan hubatee hawaasaa idil addunyaaf dhugaa jiru akka hubachiisuu ni taasifama jedhaniiru.

Gareen kun Cifiraa fi Kaasagiittatti meeshaaleen dhuunfaa fi hawaasa barbadeessee akka daawwataniis xiyyaffannoon laatamuu obbo Ahimad himaniiru.

Diiyaspooraan hojii deebisanii dhaabuurratti hirmaachuun burjaajjii gareen ABUT uummataarran gahee salphiisuu akka danda’uu ni taasifamaa jedhaniiru.

Akkasumas iddoowwan hawwata tuuristi naannichaa akka daawwataan kan taasifamuu ta’uu obbo Ahimad himaniiru.

Sooddoo Lammaatu gabaase

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment