Diyaaspoorota gara biyyaa dhufaniif eegumsi ga’aan kan taasifamu ta’uu humni nageenyaa waloo beeksise

Finfinnee, Muddee 14, 2014 (FBC)- Waamicha Muummee Ministiraa FDRI Abiy Ahimad hordofee Ityoophiyaanotaa fi dhalattoota Ityoophiyaa  gara biyyaa dhufaniif rakkoo nageenyaa tokko malee socho’uu akka danda’aniif eegumsi ga’aan kan taasifamu ta’uu humni nageenyaa waloo beeksiseera.

Humni nageenyaa waloo Raayyaa Ittisa Biyyaa, Rippaabilikaan Gaardii, Poolisii Federaalaa, Poolisii Magaalaa Finfinnee, Poolisii naannoo Oromiyaa fi Nageenya  Odeeffannoo Biyyaalessaarraa walitti bobba’e haala nageenyaa biyyaalessaa gamaggamee kallattiiwwan gara fuulduraa kaa’eera.

Ityoophiyaanonnii fi dhalattoonni Ityoophiyaa biyya alaa jiraatan wayita gara biyyaa dhufan yaaddoo nageenyaa tokko malee bu’uura sagantaa isaaniin socho’uu akka danda’an haalli nageenyaa amanamaa ta’uu ibsameera.

Humni nageenyaa waloo kun haala nageenyaa biyyaalessaa waliigalaa gamaggamuun qophii ga’aa taasisee gara bobbiitti seenuu ragaan Komishinii Poolisii Federaalaarraa argame ni muul’isa.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment