Finfinnee, Amajjii 7, 2014 (FBC) – Diyaaspooronni Kaaliifoorniyaa, Jarmanii fi Turkiirraa dhufan lammiilee qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’aniif Birrii miiliyoona 14 fi kuma dhibba 3 ol deeggarsa taasisan.
Deeggarsicha Ittaanaa Komishinaraa Komishinii hoggansa Sodaa Balaa Biyyaalessaa Aydiruus Hasanitti laataniiru.
Ityoophiyaan waraana dirqamtee itti galteen namaa fi qabeenyarra miidhaa guddaan ga’uu ibsuun deeggarsa taasifameef galateeffataniiru.
Diyaaspooronni deeggarsa taasisan cimsanii akka itti fufan waamicha dhiyeessaniiru.
Maddi:- TOI
Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.