Diyaaspoorawwan gurmaa’uun dhimma biyyaa qabatee akka socho’u taasiisuun danda’ame – Ministeera Dhimma Alaa

Finfinnee, Muddee 21, 2014 (FBC) – Diyaaspoorawwan gurmaa’uun dhimma biyyaa qabatee akka socho’u taasiisuun danda’amuu Ministeerri Dhimma Alaa beeksiiseera.
Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Diinaa Muftiin haala waqtaawaa ilaalchisee ibsa torbee laataniiru.
Bu’uuraalee Misoomaa garee shororkeessitootaan barbadaa’aan deebisanii ijaaruuf ga’een Diyaaspooraa olaanaa ta’uu Ambaasaaddar Diinaan ibsaniiru.
Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makonniin diyaaspoorawwan galateeffachuu isaanii himaniiru.
Hirmaannaa Diyaaspoorawwanii dabaluuf sagantaaleen garaagaraa qophaa’uu kaasaniiru.
Agarsiifnii fi Baazaariin, daawwaannaan Paarkootaa magaalaa Finfinnee, lammiilee miidhaaman daawwachuu fi gargaaruun, Feestivaalli Ispoortii fi Fooramiiwwan Invastimantii qophaa’uu Ambaasaaddar Diinaan ibsaniiru.
Bahireenii fi Aljeeritti Ambaasaaddaroonni Ityoophiyaa aanga’oota olaanoo biyyattii waliin marii bu’aa qabeessa taasiisuu eeraniiru.
Kaayyoon Marii biyyaalesaa waliigaltee biyyaalessaa uumuuf ta’uu kaasaniiru.
Mariin gaggeeffamu kutaalee hawaasaa hundi kan hirmaatan ta’uu himaniiru.
Wixineen labsii hundeeffama Komishinii Maree Biyyaalessaa mana maree bakka bu’oota ummataan ragga’uu ibsaniiru.
Wandasan Araggaanyitu gabaase.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment