Finfinnee, Muddee 22, 2014 (FBC) – Akkaatuma waamicha dhiyaateen Diyaaspoorawwan gara Ityoophiyaa dhufaa jiran meeshaalee galtee yaalaa Fayyaa gumaachaniiru.
Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan ganama har’aa Buufata Xiyyaaraa idil Addunyaa Booleetti argamuun meeshaalee kanneen fuudhaniiru.
Diyaaspoorawwan mata duree ‘Shaanxaa tokko lammii koof’ jedhuun duula meeshaalee tajaajila walitti qabuu gaggeessaa turuun kan yaadatamuudh.
Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad lammiileen miiliyoonni 1 Ayyaana Qillee Ityoophiyaatti akka kabajan waamicha taasiisan hordofee dhalattoonni, michuuwwanii fi lammiileen Ityoophiyaa guutuu addunyaarra jiraatan gara biyyaa galuurratti argamu.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.