Diyaaspooraan qabeenya walitti qabuu fi paabilik dippilomaasii eegale cimsee akka itti fufu waamichi dhiyaate

Finfinnee, Waxabajjii 6, 2014 (FBC) – Miidhaa kutaa Kaabaa Ityoophiyaatti mudateef hojiilee qabeenya walitti qabuu fi paabilik dippiloomaasii diyaaspooraan jalqabe cimee akka itti fufu Amaasaaddar Dooktar Injiinar Silashii Baqqalaa waamicha dhiyeessan.
Qopheessumaa waldaa “Abdi Ityoophiyaaf” jedhamuun mariin haalaa yeroo Ityoophiyaarratti lammiileen Ityoophiyaa fi dhalattoota Ityoophiyaa Niwuyoorki naannawaa Niwujeersi jiraataniin gaggeeffameera.
Ameerikaatti Ambaasaddarri Ityoophiyaa Dooktar Injiinar Silashii Baqqalaa, naannawichaatti hawasni diyaaspoora gamtaan hojjetu cimaan akka jiru eeruun, waldaan “Abdii Ityoophiyaaf” jedhamus hojiileen hojjetaa jiru agarsiistuu ta’uu himaniiru.
Miidhaa kutaa Kaabaa Ityoophiyaatti mudateef hojiilee qabeenya walitti qabuu diyaaspooraan jalqabee fi hojiin paabilik dippilomaasii cimee akka itti fufu gaafataniiru.
Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Ergamaan Dhaabbii Ityoophiyaa Ambaasaaddar Taayyee Atsqasillaasee gama isaaniin, faayidaa biyyaalessa gama eegsisuun hirmaannaan diyaaspooraa gama qabeenya walitti qabuu fi gama paabilik dippilomaasii olaanaa ta’uu eeruun, guddina biyyaa keessattis tumsi isaanii cimee itti fufuu qaba jedhan.
Haalli Ityoophiyaan keessatti argamtu hirmaannaa qaamolee biyya isaanii jaallataan kan barbaachisuu ta’uu eeruun, fakkeenyummaa miseensota waldaan “Abdii Ityoophiyaa” kan galateeffatan ammo Itti Aanaa Daayrektara Tajaajila Diyaaspooraa Ityoophiyaa Dooktar Mahaammad Indiriisi.
Deeggarsi diyaaspooraan taasisu yeroo gabaabaa keessatti, rakkoolee biyyaattii itti fufiinsaan furuu akkaataa dandeessisuun ta’uu qabu ibsuu isaanii, ragaan Ejensii Diyaaspooraa Ityoophiyaarraa argamee ni mul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment