Diyaaspooraan Oromoo hojiilee misoomaa daawwatan

Finfinnee, Adoolessa 1, 2015 (FBC)- Bakka bu’oonni hawaasa diyaaspooraa Oromoo hojiilee misoomaa Naannoo Oromiyaa fi Finfinneetti hojjetamaa jiran daawwataniiru.

Hirmaattonni daawwannichaa hojiilee misoomaa Finfinnee keessatti hojjetaman irra ummanni Oromoo fayyadamaa akka hin taaneetti odeeffannoon argachaa turanii fi hojiileen qabatamaan argan kan walfaallessu ta’uu himaniiru.

Daawwannaa kutaalee Oromiyaa garaagaraatti taasisaniinis, haala waliigala naannichaa irratti odeeffannoo argataniin burjaajii fi maqa balleessii naannicharratti gaggeeffamu qulqulleessuu fi sirreessuuf kan hojjetan ta’uu beeksisaniiru.

Oromoon Finfinneerraa fayyadamaa akka hintaaneetti odeeffannoon sobaa ololamu sirrii akka hintaane eeruun waan arganiin dhugaa jiru beeksisuu fi hubachiisuuf kan hojjetan ta’uu dubbataniiru.

Ittigaafataman Waajjira Pireezidaantii Oromiyaa Obbo Mogas Ida’ee mootummaan naannichaa hawaasa Diyaaspoora waliin hojiilee misoomaa gara garaa hojjechaa turuu yaadachiisuun, ammas odeeffannoo sobaa fi burjaajii hojii mootummaa naannichaa xiqqeessuuf yaalamuu qolachuuf daaw’annaan taasifame gahee olaanaa akka qabu eeraniiru.

Fuulduraatti Diyaaspooraan mootummaa waliin qindaa’ee hojjechuu akka danda’uuf hubannoon gahaan umamu ibsu ragaan Waajjira Pireezidaantii naannichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment