Finfinnee, Adoolessa 29, 2014 (FBC) – Bara 2015’tti lakkooftuu kuma 27 ol maamiltoota haaraaf galchuuf karoorfatee hojjachaa jiraachuu Tajaajila Humna Elektirikii Oromiyaatti Distiriktiin Baalee-Roobee beeksise.
Daayrektarri distiriktichaa Obbo Bahamud Huseen, distiriiktichi waliin gahiinsa humna elektirikii magaalaa fi baadiyyaan hojiilee jajjabeessaa hojjachuu eeraniiru.
Bara bajata 2014’ttis Birrii miliyoona 37 oliin lakkooftuu kuma 11 ol maamilootaaf galchuun fayyadamtootaa taasisuu eeruuniiru.
Bara 2015 maamiltoota haaraaf lakkooftuu humna elektirikii kuma 27 galchuufis karoorfatee hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.
Akka Obbo Bahamud jedhanitti, distiriiktichi tajaajila humna ibsaa babal’isuun cinaatti, dargaggoota waldaalee 10 jalatti gurmaa’an 200 tahaniif carraan hojii yeroo fi dhaabbii uumameera.
Hojiilee suphaa distiriktichi gaggeessuun tiraanisfoormarootaa tajaajilaa ala ta’an tajaajila eegalchiisuu eeruun, kanaanis Birrii miiliyoona 7.9 hambisuun akka danda’ame ragaan Waajjira Kominikeeshinii Godina Baaleerraa argamee ni mul’isa.
Gama biraatiin, distiriiktichi hojiilee riifoormii gaggeesseen hojjettoota kenniinsa tajaajilarratti gufuu ta’an 81 irratti tarkaanfii akeekkachiisuu hanga hojiirraa geggeessuu fudhatamuu eeraniiru.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.