Finfinnee, Sadaasa 30, 2017 (FMC)- Jijjiirraa bara haaraa Saba Arii “Dishtaa Giinaa” ilaalchisuun Pireezidaantiin Naannoo Kibba Itiyoophiyaa Xilaahuun Kabbadaan ergaa baga geessanii dabarsaniiru.
Ergaa isaaniin, “Dishtaa Giinaan dhalootaa dhalootatti darbaa kan dhufe, dhaha sabichaan jalqaba baatii Muddee kan kabajamu duudhaa naannichaa dinqisiisaa ta’uu himan.
Ayyaanichi bu’uura aadaa fi duudhaa sabichaan, bu’aan qonnaa yeroo itti nyaatamuu fi abdii haaraan kan kabajamu, yeroo rakkisaan darbuu yeroo itti labsamuu bara abdii qabeessa, miira haaraa fi jaalalaan kan itti fufan ta’uu kaasaniiru.
Duudhaa aadummaa isaa eeguun kan kabajamuu “Dishtaa Giinaan” fakkeenya nageenyaa, waloomaa, waliif yaaduu fi obbolummaa akka ta’e yaadachiisaniiru.
Waloomaa fi tokkummaa ummatootaa kan cimsu, hariiroo fi obbolummaa gidduu isaanii haala jabeessuun kan kabajamuudhas jedhan.
“Dishtaa Giinaan” faayidaa diinagdee fi hawaasummaa olaanaa qabaachuu kan himan Obbo Xilaahuun, duudhaa abboonni eeganii har’aan ga’an eeguu fi kunuunsuun dhalootatti dabarsuuf hojjechuun barbaachisaadha jedhaniiru.
Dabalataan kabaja ayyaanichaa beeksisuu fi jabeessuun damee tuuriizimiin faayidaa diinagdee argamsiisu guddisuuf hojjechuun barbaachisaa ta’uu hubachiisaniiru.
Ayyaanichi kan jaalalaa, tokkummaa fi waloomaa akka ta’uu hawwii gaarii qaban ibsuu ragaan Waajjira Pireezidaantii Naannichaarraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia