Dirree walta’iinsa waloo bal’isaa itti fufna- Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Hagayya 13, 2015 (FBC)- Dirree walta’iinsa waloo bal’isaa itti fufna jedhan Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad.

Pireezidaantiin Emereetota Araba Gamtoomanii Sheek Mahaammad Biin Zayiid Al Naahiyaan daawwannaa Ityoophiyaatti taasisan xumuruun gara biyyaa isaaniitti kan deebi’an yoo ta’u, Muummeen Ministiraa Dooktar Abiy Ahimad geggeessaa taasisaniiru.

Dooktar Abiy Ahimad gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin, “Obboleessi koo Sheek Mahaammad Biin Zayiid turtii Ityoophiyaatti qabaataniin hedduu gammadeera. Dirree walta’iinsaa waloo keenya bal’isaa itti fufna” jedhaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment