Dirree saayibariin dandeettiin teeknooloojii fi humna namaa dhaabbilee %20 gadi ta’uun ibsame

Finfinnee, Onkololeessa 16, 2016 (FBC)- Dhaabbileen dirree saayibariin dandeettiin teeknooloojii fi humna namaa akkasumas damee gurmaa’ina dhaabbilee %20 gadi ta’uu Bulchiinsi Nageenyaa Odeeffannoo ibse.

Daayrektarri Olaanaa Bulchiinsichaa Obbo Solomoon Sookaan, haleellaan saayibarii yeroo kamuu caalaa, haala kamiin keessatti kan uumamuu malu, soda nageenyaa walxaxaa fi akaakuu garaagaraa ta’uu hubachiisaniiru.

Itiyoophiyaatti bara 2008 haleellaa saayibarii 214 aggaamame, akaakuunis ta’e baay’inaan dabaluun bara 2014 gara kuma 8 fi 845’tti guddachuu kaasaniiru.

Dhaabbileen, dirree saayibariin dandeettiin teeknooloojii fi humna namaa akkasumas damee gurmaa’ina dhaabbatummaan barbaachisuu %20 gadi ta’uu akeekaniiru.

Kanaafis dhaabbileen dandeettii teeknooloojii fi humna namaa dirree saayibariin qaban gabbifachuu akka qaban eeraniiru.

Biyyattiin humna saayibarii ishee guddisuuf dandeetti keessoo gabbifachuu bira darbee Giddugalli Kennaa Addaa Saayibariin dargaggoota leenjisuu fi ga’oomsuun hojiilee bal’aan hojjetamaa jiraachuu ibsuu TOI gabaaseera.

Bara 2015’ttis sagantaa Gannaan dargaggoota kuma 1 fi 500 ol keessaa 62 sadarkaa garaagaraa darbuun teeknooloojiiwwan 26 ol misoomuu ibsaniiru.

Kana malees, dargaggoonni waloon ta’uun teeknooloojiiwwan ammayyaa’oo 14 hojiirra oolchuun akka danda’amee fi kanneen hafan ammoo eegdota saayibarii bulchiinsichaa ta’uun tajaajilaa jiraachuu ibsaniiru.

Bara kanas Giddugala Kennaa Addaa Saayibarii Biyyaalessaatti leenjii Gannaaf dargaggoonni kuma 5 fi 600 galma’uu ibsaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment