Dirree Dhawaatti sagantaan kafaltoota gibiraaf beekamti kennuu gaggeeffame

Finfinnee, Mudde 5, 2015 (FBC)- Bulchiinsa Magaalaa Dirree Dhawaatti sagantaan kafaltoota gibiraa amanamoof beekamti kennuu gaggeeffameera.

Sagantichis Abbaa Taayitaa Galiiwwan Bulchiinsa Magaalaa Dirree Dhawaan yeroo 3ffaaf kan qophaa’e yoo ta’u, kaffaltoota adda dureef beekamtii fi badhaasni kennameera.

Saganticharratti Ministirri Ministeera Galiiwwanii Aadde Ayyinaalam Nugusee, Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Dirree Dhawaa Obbo Kadir Jawaar dabalatee hoggantoonni olaanoon Federaalaa fi bulchiinsaa magaalattii biroon argamaniiru.

Hinkoosaa Abdiisaatu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment