Dirree Dhawaatti indaastiriiwan afur eebbifaman

Finfinnee, Adoolessa 19, 2015 (FBC)- Bulchiinsa Magaalaa Dirree Dhawaatti, indaastiriiwwan maanufaakchariingii Birrii miiliyoona 350’n ijaaraman afur eebbifamaniiru.

Indaastiriiwwan kunneenis, Warshaa Oomisha Jooniyyaa Xaa’oo, Warshaa Daakuu Haadiyyaa, Warshaa Oomisha Qoorqorroo Mana fi Mismaaraa akkasumas warshaa oomisha konkolaataa fi qaamolee konkolaataa ‘HOH’ ta’uun ibsameera.

Kantiibaan Dirree Dhawaa Juhaar Kadiir wayita eebbichaatti, bulchiinsi magaalichaatti bara baajatichaatti warshaaleen oomishaa 10 eebbifamuun hojii eegaluu ibsaniiru.

Pirojektoonni kunneen fuulduratti wayita hojiitti seenaan addaan ciccitiinsa eelektirikii, sharafa alaa akksumas, babal’isaan walqabatani rakkoolee mudatan hambisuuf akka hojjetamu himaniiru.

Abbootiin qabeenyaa Dirree Dhawaaa fi dhalattoonni naannawichaa hojiilee misoomaarratti akka hirmaatan waamicha dhiyeessaniiru.

Bulchiinsi magaalichaa bara baajataa 2015, abbootii qabeenyyaa kaappitaala Birrii biiliyoona 34.1 ol galmeessan 214 galmaa’uu himuu ragaan kominikeshiniinii bulchinsa magaalichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment