Dirree Dawaatti warshaan oomishaa fi raabsaa oksijiini eebbifame

Finfinnee, Hagayya 17, 2014 (FBC) – Bulchiinsa Magaalaa Dirree Dawaatti warshaan oomishaa fi raabsaa oksijiinii Birrii miiliyoona 50’n ijaarame eebbifame.

Warshichi ‘Kompileeksii Indaastiriyaalii Ye’aabii’n kan ijaarame magaalattiif warshaa oksiijiinii jalqabaati jedhameera.

Warshichi guyyaatti siliindarii oksijiinii 520 oomishuu akka danda’uu ibsameera.

Sirna eebba warshichaarratti Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Dirree Dawaa Obbo Kadiir Juhaar, warshichi magaalichatti ijaaramuun hanqina oksijinii jiru kan hambisuudha jedhaniiru.

Duraan oksijiinii argachuuf hanga Finfinneetti akka imalamaa ture yaadachisanii, warshichi naannawichattii hundaa’uun qisaasama baasii fi humna kan hambisuudha jedhaniiru.

Maddi:-TOI

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment