Dirree Dawaatti manneen barnootaa dhuunfaa galmee kamiiyyuu akka hin gaggeessine murtoon darbe

Finfinnee, Hagayya 10, 2013 (FBC) – Biiroon Barnootaa bulchiinsa magaalaa Dirree Dawaa manneen barnootaa dhuunfaa galmee kamiiyyuu akka hin gaggeessine murtoo dabarse.
Manneen barnootaa kunneen kaffaltii humna ol dabaluu isaanii hordofee galmee kamiiyyuu akka hin gaggeessine murtoon darbuu ibsameera.
Daballiin taasiifame qaala’iinsa jireenyaa tilmaama keessa kan hin galchine ta’uu maatiin barattootaa irra deddeebiin kaasuu ibseera.
Qaala’iinsi jireenyaa, mindaa barsiisootaa fi galteen barnootaa manneen barnootaa kunneen kaffaltii ji’aa akka dabalaniif akka sababaatti dhiyaachuu himameera.
Manneen barnootaa kunneen maatii barattootaa waliin osoo hin mari’atin daballii gatii akka hin taasiifmne Biiroon Barnootaa irra deddeebiin xaalayaa barreessaa turuu ibsameera.
Manneen barnootaa dhuunfaa magaalchaa keessatti argaman hanga %100 daballii gatii taasiisuu Daayreektarri Daayreektoreetii qulqullina barnootaa magaalichaa obbo Abduulfattaa Mahaammad ibsaniiru.
Qaamolee kanneen gara seeraatti deebisuuf koreen hundaa’ee sochiin eegalamuu eeraniiru.
Korichi daballii gatiirratti qoranno gaggeessuun kaabinee bulchiinsa magaalichaaf dhiyeessuu obbo Abduulfattaan kaasaniiru.
Iyyoonaadaab Anduu’alemtu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment