Dirree Dawaatti deeggarsi Birrii miiliyoona 17 waliitti qabame

Finfinnee, Eebila 14, 2012 (FBC) – Bulchiinsi magaalaa Dirree Dawaa tamsa’ina vaayrasii koroonaa ittisuuf deeggarsi Birrii miiliyoona 17 waliitti qabu beeksise.

Koreen gali walittiqaba bulchiinsa magaalicha obbo Sulxaan Aliyyii, ibsa laatanin bulchiinsi magaalicha weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf tarkaanfi garaagaraa fudhata jira jedhaniiru.

Koreen waliittiqaba magaalicha akka ibsetti kanneen keessa Birriin miiliyoonni 8 mallaaqa caallaan waliitti kan qabamee yoo ta’u, kanneen hafan ammoo deeggarsa biroon walitti qabamu himaniiru.

Dhalattoonni fi gargartoonni bulchiinsa magaalicha keessas ta’e ala jiraatan deeggarsa taasisaan cimsanii akka itti fufan waamicha dhiyeessu ragaan Waajjira Kominikeeshinii Mootummaa Bulchiinsa Magaalicharra arganne ni muul’dhisa.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Comments (0)
Add Comment