Dirree Dawaatti daa’ima guddattuu tokko keessaa xannachi kiiloo 5 madaaluu ba’e

Finfinnee, Bitootessa 29, 2014 (FBC) – Daamni guddattuun umrii waggaa 10 jiraattuu Godina Harargee bahaa aanaa Dadaar ganda Haqabaas keessaa xannachi kiiloo 5 madaaluu walla’ansa baqaksanii yaaluutin bahuu ibsame.

Baatii tokko dura naannoon garaa ishee guddachaa kan dhufee da’imni kun akka hiriyyoota ishee oligadi fiigde taphachuu fi socho’uu dhadhabuun maatiin ishee ni dubbatu.

Dheengadda Hospitaala waliigala Artii Dirree Dawaatti walla’ansa baqaksanii yaaluu sa’aatii tokkoo fixeen xannachichi ba’uu gargaaraan Proofeesar Taamir Niguusee himaniiru.

Tashoomaa Haaylutuu gabaase

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment