Dirre Dhawaatti gurgurtaa Kitaaba dhaloota Ida’amuurraa argameen Manni Kitaabaa ijaaramuuf

Finfinnee, Fulbaana 2, 2016 (FBC) – Magaalaa Dirre Dhawaatti galii gurgurtaa Kitaaba dhaloota Ida’amuurraa argame Birrii miiliyoona 100n Mana Kitaabaa ijaaramuuf dhagaan Bu’uuraa kaa’ame.

Itiyoophiyaa badhaatee ijaaruuf dhaloota beekkumsaa fi ogummaa gahaa qabu horachuuf hojjechuun murteessaa ta’uu Kantibaan Magaalaa Dirre Dhawaa Obbo Kadi Jahaar ibsaniiru.

Giddugalawwan ogummaa fi beekkumsaa babal’isuun dhaloota qaruun guddisuun barbaachisaa ta’uus kaasaniiru.

Manni Kitaabaa kun lafa karee Meetira kuma 2 irratti kan ijaaramu yoo ta’uu, ijaarsi isaa baatii 18 keessatti xumuramuun tajaajilaaf banaa ta’a jedhamuu TOI gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment